Pirojektiiwwan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannnoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Ijaarsisaa jiru haala gaarii irra jiraachun ibsame. Pirojekitiiwwan ILQSOn bajata mootummaan ramadeen ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haalli ijaarsa isaanii akkaataa karooraatiin deemaa kan jiru ta'uu ogeessonni ibsan. Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa sadarkaa ijaarsi pirojektiiwwan kanneenii irra jiru ilaaluun itti gammadanii jiru.
Joornaaliin Seeraa Oromiyaa Jildiin 13ffaan armaan dura "Yeroo dhihootti eegaa" jechaa turre waan gadi lakkifameef liinkii kanaan seentanii ilaaluu dandeessu.
https://www.ajol.info/index.php/olj
https://www.ajol.info/index.php/olj