Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n boolla biqiltuu qopheessaa jira.
Inistiitiyiitichi bara kana iddoo qabu irratti biqiltuu nyaataa 80 fi biqiltuu gaaddisaaf ta'u 300 walumaa galatti biqiltuu 380 dhaabuuf karoorfatee boolla kan qopheessaa jiru ta'uun ibsame.
Inistiitiyiitichi bara kana iddoo qabu irratti biqiltuu nyaataa 80 fi biqiltuu gaaddisaaf ta'u 300 walumaa galatti biqiltuu 380 dhaabuuf karoorfatee boolla kan qopheessaa jiru ta'uun ibsame.
Pirojektiiwwan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannnoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Ijaarsisaa jiru haala gaarii irra jiraachun ibsame. Pirojekitiiwwan ILQSOn bajata mootummaan ramadeen ijaarsisaa jiru mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa haalli ijaarsa isaanii akkaataa karooraatiin deemaa kan jiru ta'uu ogeessonni ibsan. Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa sadarkaa ijaarsi pirojektiiwwan kanneenii irra jiru ilaaluun itti gammadanii jiru.