Oromia Legal Training and Research Institute
8.19K subscribers
3.16K photos
28 videos
297 files
30 links
Download Telegram
Yeroo Dhihootti/Coming Soon!
Hojjattoonni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Gargaaramummaa irraa gara Omishtummaatti : Kabaja hunda galeessaa fi Birmadummaa Biyyaalessaatiif" jedhu irratti marii gaggeessan.

ILQSOn mata dureewwan dhiyaataan irratti marii guyyaa tokkoof hojjattoota Inistiitiyuutichaa waliin gaggeessee jira.

Itti Aanaan Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Sanada barreeffamaan dhiyaatu xiyyeeffannaan dhaggeffachuun marii irratti bal'inaan yaada kaasuuf gargaara waan ta'eef naamusaan hordofuun barbaachisaa ta'uu ibsanii jiru.

Dhuma irrattis kaayyoon guddaan barreeffamichaa ilaalcha qabnu jijjiiruun qabeenya qabnu fayyadamuun rakkoolee ka'an kana keessaa bahuuf cimnee hojjachuun barbaachisaadha jechuun Obboo Sulxaan dhaamanii jiru.
Ijaarsi Pirojektiiwwan mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi mana eegumsaa Inistiitiyuutii n Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n bara 2016 bajata mootummaan ramade birrii miliyoona 263n ijaaramaa jiru haala gaarii irra jiraachuun ibsame.

Pirojektiiwwan kunniin yeroo ammaa kana fiizikaalli isaa 58% irra kan gahee yoo ta'u, yeroo yeroon waan hordofamaa jiruuf haalli qulqullina isaatis haala gaarii irra kan jiru ta'uun himame.