Leenjii Dandeettii Cimsuu
Sirna Biittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa irratti leenjiin hubannoo cimsuu ogeessota Inistiitiyuutichaa dhimma kana irratti hojjataniif magaala Bishooftuutti kennamaa jira.
Leenjiin kunis qajeelfamoota sirna bittaa mootummaa fi bulchiinsa qabeenya hojii irra jiran irratti hubannoo gahaa qabaachuun seerota kanneen sirnaan hojii irra oolchuun bittaa fi bulchiinsa qabeenya bu' a qabeessa ta'e gaggeessuu fi raawwii hojii fooyyeessuuf leenjii kennamaa jiru akka ta'e I/A/Daayireektara Inistiitiyuutichaa kan ta'an Obbo Addaamuu Dhufeeraa wayita leenjicha jalqabsiisan ibsanii jiru.
Leenjiin kun sirni bittaa qabeenya mootummaa karooraan deeggaramuun raawwachuu fi sirna bittaa mootummaa eeguun bittaa gaggeessuuf akkasumas qabeenyi mootummaa bitames osoo hin qisaasamin kaayyoo bitameef oolchuuf hubannoo ogeessotaa kan cimsuu fi qabeenya tajaajila kennuun faayidaan ala ta'anis sirnaan maqsuuf guddaa kan fayyadu akka ta'e ibsamee jira.Leenjii kanas, kennaa kan jiran ogeessa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Biiroo Maallaqaa fi Walta'iinsa Diinagdee Oromiyaa kan ta'an obboo Kaffiyaalaw Goobanaatiini.

Mariin waliinii wixinee Hundeeffama Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti Abbootii Gadaa, Jaarsolii Biyyaa, Haadholii siiqqee godinaalee oromiyaa irraa dhufan waliin,ogeessotaa fi hooggantoonni qaamolee haqaa naannichaa waliin magaala Bishooftuutti Inistiitiyuutiin keenya MMWO waliin ta'uun qindaa'e gaggeeffamee jira. Marii kana irraayis yaadonni wixinicha gabbisuu danda'anii hedduun kan irraa argaman akka ta'e, Itti Aantuu Af-Yaa'ii Caffee Mootummaa Naannichaa kan ta'an addee Mahibuubaa Adam ibsanii jiru.Marii kana irrattis Pireezidaantiin MMWO obboo Gazaalii Abbaa Simal, I/A pir. MMWO obboo Guyyoo Waariyoo, Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa obboo Kabbadaa Deesisaa, Daayireektarri olaanaa ILQSO obbooTasfaayee Booressaa hirmaatanii jiru
Leenjii Hojirraa kan Yeroo Gabaabaa
Yakkoota Bilisummaa fi Qulqullummaa saalaa irratti raawwataman, Yakkoota Miidhaa Qaamaa, Yakkoota Dachaa fi Adabbiwwaan isaanii akkasumas Labsii Bosonaa irratti leenjii hubannoo ogeessota cimsuu Abbootii Alangaa Godinaalee fi Aanaalee baay'inni isaanii 86 ta'aniif magaala Bishooftuutti Inistiitiyuutii
Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo'annoo Seeraa Oromiyaatiin kennamu har’a eegalee jira.
Mata dureewwan kunneen dhimmoota leenjiin irratti kennamuu qabu ta’uun isaanii sakkatta’iinsa fedhii leenjiitiin kan addaan bahan yammuu ta’u, ogeessonnis dhimmoota kanneen irratti hubannoo gahaa horachuun murtii qulqulluu si’oominaa fi tilmaamamawaa ta’e kennuun gahee isaanii sirnaan bahachuuf leenjii isaan gargaarudha. Leenjiin kunis guyyoota afuriif itti aansee kan kennamudha.
Bifuma wal fakkaatuun marsaa 2ffaan leenjii kanaas, gaafa 09/10/2013 irraa eegalee magaalaa Shaashammanneetti kan itti fufu ta’a.

Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa Dhaabbattoota Afur Wajjiin Sanada Waliigaltee Michooma Waliin Hojjechuu Mallatteessee
Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa Sanada Waliigaltee (MOU) Institiiyuuti Leenjii qaamolee haqaa fi qorannaa seera Oromiyaa, Yuunivarsiiti Naannoo Oromiyaa, Qajeelcha Poolisii Godina shawaa Bahaa fi Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaa waliin Sanada Waliigaltee waliin hojjechuu waliif mallatteesani jiru.
Sirna kana irratti Daarektara Ol'aana kolleejjii Poolisii Oromiyaa kan ta’an Ga/ komishineraa Tolchaa Magarsaa Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa yeroodha yerootti humna dandeetti raawwachisummaa isaa guddisuuf dhaabbilee garaagara waliin hojjechuun murteessadha. Jechuun dhaabbattoota kana waliin sanada waadaa waliin hojjechuu waliif mallatteessaniruu. Yeroo ammaa kana biyyi tokko akka guddattu kan taasisu keessaa inni tokko yoo qaamni nageenyaa kun guddina biyyaaf wabii ta'uu yoo danda'e qofa. Guddina kanaaf immoo Wabii ta'uu kan danda’u haalli jijjiirama Addunyaan keessa jirtu waliin deemudhaaf keessumattuu dhaabbilee barnoota ol'aanoo xiyyeeffannoo guddaa argate akka biyyaattis ta'ee akka gaanfa Afirikaatti dorgomaa ta'ee biyya kana sadarkaa barbaadamuun ga'udhaaf qajeelcoota Bu/ma/ Adaamaa fi Shawaa Bahaa Hojiimaataa Poolisiitiin Moodeela taasiisne /centreof excellency/ taasiisuun muuxxannoowwan gaggaarii argaman babl’isuun akka nu gargaaruuf waliigalteen har’a waliiif mallatteesinu kun barbaachisaa ta'ee argame jira.
Obbo Tasfayee Booreessaa Daarektara ol’aanaa Instituyuti Leenjii qaamolee haaqa fi qo rannaa seeraa Oromiyaa Duraan dursee sagantaa kana qopheessuu keessaniif galata qabdu jechuudhan yeroo kamiiyyuu caalaa waliin ta'anii ,waliin mari'tanii hojjechuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Kanaafuu Kolleejjin Poolisii Oromiyaa fakkeenyumaa , wabii sabaa ta'uusaa hojiin kan agarsiisaa jiru waan ta'eef nutis qaama kana waliin hojjechuuf har’a Sanada waliigaltee waliif mallatteessuu keenyaaf heddu gammanneera jedhan. Gara fuladuraattis deeggarsa barbaachisuu hunda taasisuuf waadaa galaniruu.
Itti /Pireezidaantii Yuunivarsiiti Naannoo Oromiyaa Dr. Kokab Dammaqaa Sagantaan kun Kolleejjii Poolisii Oromiyaatiin Qophaa’u isaa Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa Akka dhaabbata barnoota Ol’aannoo tokkootti barumsaa fi leenjii, qu’annoo fi qoraannoo akkasumas kenna tajaajila hawaasummaa keessatti adeemsifamuuf gahee isaa akka bahuu isa kan dandeesisuu ta’uu fi waliin hojjechuun caalamaatti galam akka biyyaattiis ta’e akka naannootti qabamee yeroo gabaaba keessatti galmaan gahuuf kan nu dandeessisuudha.
Daarektara Qa/ Poolisii Bu/ma/Adaamaa Kom/ Mangistuu Ijaaraa fi Itti/Daareektara qorannaa yakkaa Qa/Poo/ Go/Sh/Bahaa Kom/ Gazahany Ayyaaleew kan ta’an akka jedhaniitti qabeenya poolisii Oromiyaa waliin qabu keessa kolleejjjin Poolisii Oromiyaa tokko waan ta’eef deeggarsa nurraa eeggamuu hunda taasiisnee waliin hojjenne biyyaa fi naannoo keenya akkasumas Godinaa fi Magaalaa keenya sodaa yakkaa kamiyyuu irraa bilisa goone waliin hojjechuuf qophiidha jedhaniruu.
Saganta kana irrattis Itti /A/Darektara ol'aana Akkaadaamii Koolleejjii Poolisii Oromiyaa kan ta’an kom/Asaamminoo Abdiisatiin hojjiwwan gurgudoo Kolleejjii poolisii Oromiyaatiin raawwatamani fi waa’e guddina Kolleejjii Poolisii Oromiyaa sadarkaa kam irra akka jiru barreeffama gabaabaa dhiyeessaniru