Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Hordoftoota teelegiraamii keenyaa hundaaf!
Odeeffannoowwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gadi lakkisu karaa peejii fuula FB keenyaatiin nu hordofaa.
Barruuleen Qorannoo Siimpooziyeemii bara 2015 irratti dhiyaatan bakka tokkotti walitti qabamanii bifa kitaabatiin maxxanfamanii jiru.warri soft copy isaa barbaaddan seenudhaan ilaaluu dandeessu.
29/09/2016

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa( ILQSO)n mata duree Ce’uusa Haqa Itoophiyaa;Nageenya waaraa fi Haqa mirkaneessuu jedhu irratti marii Siimpooziyeemii gaggeesse.

Siimpooziyeemii kana irratti waraqaan qo’annoo mata duree ce’uumsa haqaatiin wal qabatan jaha ogeessota seeraa Inistiitiyuutichaa fi Yunivaristoota irraa hirmaataniin dhiyaatanii jiru.

Daarekteerri Ol’aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa Hirmaattota Sagantichaa irratti argamaniin ergaa baga nagaana dhuftanii erga dabarsanii booda haaswa taasisaniin,“kaayyoon siimpooziyeemii kanaa qajeeltowwan yaadamoota haqa ce’uumsaa irratti qorannoowwan ogeessotaan dhiyaatan adda baasanii ilaaluun abbootii hirtaa, qaamolee dhimmi ilaallatuu fi lammiileen hundi hirmaachuun milkaa’ina isaatiif gahee isaan irraa eeggamu akka bahaniif” jedhan.

Komishiinarri Komishiinii Marii Biyyoolessaa Obboo Zagayyee Asfaaw akka jedhanitti, haqni ce’uumsaa marii biyyi teenya yeroo ammaa gaggeessaa jirtu kana keessatti shoora ol’aanaa waan qabuuf, qorannoowwnan ogeessotaan dhiyaatan gara hawaasaatti babal’atanii gadi bu’uun irratti hojjatamnaan milkaa’ina marii biyyoolessaatiif waan guddaa gumaachuu danda’u jechuun xiyyeeffannaan irratti hojjatamuu akka qabu dhaamanii jiru.

Dhuma irrattis qorannoowwan dhiyaatan irratti yaadni bal’aan hirmaattota irraa kan ka’e yoo ta’u, hawaasni bal’aan kan eegu matadureewwan akkanaa kana waan taheef akka bira gahuun danda’amutti irratti hojjatamuu qaba jedhameera.