LEENJII GAGGEESSUMMAA
Hooggantoota Manneen Hojii Abbaa Alangaa fi pireezidaantota Manneen Murtii Aanaalee namoota 60 f leenjiin gaggeesummaa mata duree " Ethical Leadership" jedhamu irratti gaafa 14/09/2013 irraa eegalee guyyoota afuriif magalaa Shaashammanneetti kennamaa jira.
Leenjii kunis yaada rimee gaggeessummaa,naamusa qajeeltoowwan gaggeesummaa fi rakkoolee gaggeesummaa keessatti mudatan haala ittiin hikuun danda'amu irrati hubannoo hoggantootaa gabbisuu fi dandeetii isaanii cimsuuf yaadameeti. Bu'aan leenjii Kanaas,kenninsa tajaajila haqaa sadarkaa Aanaaletti kennam irratti dhiibbaa fida jennee abdanna. Marsaa lammaffaan leenjii kanaa gaafa 18-21/09/2013 tti magaalaa Bishooftuutti ni kennama.

Leenjii Dandeettii Cimsuu
Sirna Biittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa irratti leenjiin hubannoo cimsuu ogeessota Inistiitiyuutichaa dhimma kana irratti hojjataniif magaala Bishooftuutti kennamaa jira.
Leenjiin kunis qajeelfamoota sirna bittaa mootummaa fi bulchiinsa qabeenya hojii irra jiran irratti hubannoo gahaa qabaachuun seerota kanneen sirnaan hojii irra oolchuun bittaa fi bulchiinsa qabeenya bu' a qabeessa ta'e gaggeessuu fi raawwii hojii fooyyeessuuf leenjii kennamaa jiru akka ta'e I/A/Daayireektara Inistiitiyuutichaa kan ta'an Obbo Addaamuu Dhufeeraa wayita leenjicha jalqabsiisan ibsanii jiru.
Leenjiin kun sirni bittaa qabeenya mootummaa karooraan deeggaramuun raawwachuu fi sirna bittaa mootummaa eeguun bittaa gaggeessuuf akkasumas qabeenyi mootummaa bitames osoo hin qisaasamin kaayyoo bitameef oolchuuf hubannoo ogeessotaa kan cimsuu fi qabeenya tajaajila kennuun faayidaan ala ta'anis sirnaan maqsuuf guddaa kan fayyadu akka ta'e ibsamee jira.Leenjii kanas, kennaa kan jiran ogeessa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Biiroo Maallaqaa fi Walta'iinsa Diinagdee Oromiyaa kan ta'an obboo Kaffiyaalaw Goobanaatiini.

Mariin waliinii wixinee Hundeeffama Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti Abbootii Gadaa, Jaarsolii Biyyaa, Haadholii siiqqee godinaalee oromiyaa irraa dhufan waliin,ogeessotaa fi hooggantoonni qaamolee haqaa naannichaa waliin magaala Bishooftuutti Inistiitiyuutiin keenya MMWO waliin ta'uun qindaa'e gaggeeffamee jira. Marii kana irraayis yaadonni wixinicha gabbisuu danda'anii hedduun kan irraa argaman akka ta'e, Itti Aantuu Af-Yaa'ii Caffee Mootummaa Naannichaa kan ta'an addee Mahibuubaa Adam ibsanii jiru.Marii kana irrattis Pireezidaantiin MMWO obboo Gazaalii Abbaa Simal, I/A pir. MMWO obboo Guyyoo Waariyoo, Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa obboo Kabbadaa Deesisaa, Daayireektarri olaanaa ILQSO obbooTasfaayee Booressaa hirmaatanii jiru