Leenjiin hojiirraa yeroo gabaabaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiin magaalota Amboo fi Jimmaatti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiif guyyaa kaleessaa irraa eegalee kennamaa jiru haala gaariin itti fufee jira.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa( ILQSO)n magaalaa Bishooftuutti Abbootii Seraa mana murtii waliigala Oromiyaatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
ILQSOn mata duree Seerota Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa, Faayidaa ummataaf Qabiyyee lafa gadi lakkisuu fi Investimentii Oromiyaa: Dhimoota xiyyeefannoo barbaadan jedhu irratti kan kennaa jiru yoo ta'u, leenjichi guyyoota sadiif kan itti fufu ta'uun ibsame.
kaayyoon leenjii kanaa seera bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa(Exproparation) fi Investimentii irratti hubannoo walii galaa uumudhaan rakkoolee seerota kanaan walqabatanii hojii keessatti muudatan hiikudhaaf hubannoo dandeessisu uumuuf akka ta'e ibsamee jira.
I/A Pireezidantii mana murtii waliigala Oromiyaa obboo Badriitamaam Umar haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti " Leenjii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa baadiyaa , Exproparation fi Investimentii akka naannoo keenyaati haaraa bahan irratti kennamu kana irraa hubannoo, muuxannoo fi gahuumsa argattanitti fayyadamuun murtii haqa qabeessa, tilmaamawaa fi seericha bu'uura taasifatu kennuudhaan gaaffii haqaa hawaasa keenyaa akka deebistan gaheen guddaan leenjifamtoota kanneen irraa eegama." jechuun dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
Leenjichi itti fufuudhaan kilaastaroota Jimmaa, Amboo, Shaashaannee , Baalee fi Adaamaa irratti kan kennamu ta'uun ibsamee jira.

Hirmaannaa ogeeyyii garaagaraa caalaatti dabaluufi bu'a-qabeessummaa simpooziyeemichaa mirkaneessuuf, daangaa yeroo waamicha barruu simpoziyeemii dheeressuun barbaachisaa ta'ee argameera. Haaluma kanaan, yeroo dabalataa kenname kana keessatti barruulee rogummaa qaban erguun akka hirmaattan isin jajjabeessina.