Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiiyaa (ILQSO)n Abbootii Seeraa mana murtii ol'aanaatiif leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota sadiif turu magaalaa Bishooftitti kennuu eegalee jira.
ILQSOn mata duree leenjii "Sirna Dhagaha Dhimmoota Ol Iyyannoo" jedhu irratti kennaa jira.
Barbaachisummaan leenjii kanaa dhimmoota aangoo ol iyyannoon walqabatee jiru ,dhagaha ol iyyannoo dhimmoota hariiroo hawaasummaa fi yakkaan wal qabatu irratti hubannoo cimmsuun rakkoolee gama kanaan mul'atan furuuf jedhame.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti mata duree SDFHH/ Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa / jedhu irratti leenjii hojiirraaa yeroo gabaabaa guyyaa 3f turu Abbootii Alangaatiif kennaa jira.
ILQSOn guyyaa har'aa leenjiwwan hojii irraa yeroo gabaabaa abbootii seeraa fi abbootii alangaatiif mata duree garaa garaa irratti magaalaa Bishooftuu iddoo lamatti kan kennaa jiruun dabalataatti magaalaa Dirre Dawaattis walta'iinsa bulchiinsa magaalichaatin mataduree walfakkaataa irratti leenjii kennaa jira.