Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
#Simannaa Leenjifamtoota Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 17ffaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota sagantaa Leenjii Hojiin Duraa marsaa 17ffaa simatee leenjii eegalchiisee jira. Sagantaa simannaa kanarratti Daayirektarri Olaanaan ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa leenjifamtootaan baga nagaan dhuftan jedhanii yeroo turtii waggaa tokkoo Leenjii irratti dabarsitan keessatti leenjii beekkumsa, ogummaa fi ilaalcha qaruu isiniif kennamu naamusa olaanaadhaan hordoftanii gahumsa barbaachisu horachuun eebbifamtanii hawaasa keessan tajaajiluuf of qopheessuu qabdu jedhaniiru.