#Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2016 magaalaa Adaamaatti gamaggamee jira. Gamaaggama taasifameen raawwiin hojiiwwan karoorfamanii gaarii ta’us hanqinaaleen muraasni jiraachuun ibsamee jira. Walumaagalatti ciminaalee jiran itti fufsiisuun hanqinaalee mul’atan immoo sirreessuun kurmaana 2ffaa keessatti raawwii caalmaa galmeessuuf hojjatamuu akka qabu kallattiin taa’ee jira.

#Simannaa Leenjifamtoota Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 17ffaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota sagantaa Leenjii Hojiin Duraa marsaa 17ffaa simatee leenjii eegalchiisee jira. Sagantaa simannaa kanarratti Daayirektarri Olaanaan ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa leenjifamtootaan baga nagaan dhuftan jedhanii yeroo turtii waggaa tokkoo Leenjii irratti dabarsitan keessatti leenjii beekkumsa, ogummaa fi ilaalcha qaruu isiniif kennamu naamusa olaanaadhaan hordoftanii gahumsa barbaachisu horachuun eebbifamtanii hawaasa keessan tajaajiluuf of qopheessuu qabdu jedhaniiru.