Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Marii Moojulii Leenjii Irratti Taasifame
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moojulii leenjii mata duree "Miidhaawwan Dubartoota irratti raawwatamanii fi Haqa Daa'immanii" jedhuun qophaa'e irratti abbootii hirtaa waliin mari'ate. Moojuliin kun deeggarsa maallaqaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa argameen Inistitiyuutii keenyaan kan qophaa'eedha. Kaayyoon marii har'aa moojulicha gabbisuun leenjiin gahumsa qabu akka kennamu taasisuuf yaadameeti. Hirmaattotni marii kanaas yaadota ogummaa moojulicha gabbisuuf gargaaru gumaachanii jiru.
Gaaddisa_Seeraa
Gaaddisni Seeraa Sagantaa Raadiyoo ILQSO deeggarsa maallaqaa Dhaabbata_Hojii_Addunyaa_(ILO) irraa argatuun Raadiyoo OBN irratti hubannoo seeraa uumuuf eegale dha. Sagantichi torbanitti guyyaa tokko Wiixata sa’aatii 10:20 – 11:20 tti kallattiin kan tamsa’udha.
Torban 1ffaadhaan mata duree “Mirgootaa fi Dirqamoota Bu’uuraa Hojjetaa fi Hojjechiisaa” jedhu irratti sagantaa qophaa’e, kunoo caqasaa.
LEENJII HOJIIRRAA YEROO GABAABAA
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Mirgoota Daa'immanii fi Dubartootaa fi Sirna Haqa Daa'immanii" jedhu irratti abbootii alangaa fi qorattoota poolisii dhimma dubartootaa fi daa'immanii irratti hojjataniif magaalaa Bishooftuutti Leenjii kenna jira.