Wixinee Karoora bara 2016 ilaalchiisee sadarkaa Inistitiiyuutichatti yeroo garagaaraa Daayirektooretiitiin addan qooduun bal’inaan Mara’in irraatti gaggeeffamaa tureera.
Raawwii hojii bara 2015 fi kallatti karoora bara 2016 mootummaa Naannoo Oromiyaa fi karoora bara 2016 Inistitiiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa irratti guyyaa har’aa mariin Gaggafamee jira. Hooggansa ,Leenjistootaa,Qorattootaa fi Hojjetootni Waltajjii kan irratti argamaanii jiru.
Daayirektarri Olaanaan Inistitiiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa obboo Doobee Dhaabaa Kallattiinis ful-duraas Ka’uun Waltajjii xumuranii jiru.

Marii Moojulii Leenjii Irratti Taasifame
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa moojulii leenjii mata duree "Miidhaawwan Dubartoota irratti raawwatamanii fi Haqa Daa'immanii" jedhuun qophaa'e irratti abbootii hirtaa waliin mari'ate. Moojuliin kun deeggarsa maallaqaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa argameen Inistitiyuutii keenyaan kan qophaa'eedha. Kaayyoon marii har'aa moojulicha gabbisuun leenjiin gahumsa qabu akka kennamu taasisuuf yaadameeti. Hirmaattotni marii kanaas yaadota ogummaa moojulicha gabbisuuf gargaaru gumaachanii jiru.