Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Simannaa_ Leenjifamtoota_ Leenjii Hojiin Duraa_ Marsaa 15ffaa
Inistiitiyuutiin keenya leenjifamtoota leenjii hojiin duraa haaraa gargaartota Abbootii Seeraa dhiira 100, dhalaa 27, Abbootii Alangaa dhiira 92 fi dhalaa 8 dimshashaan leenjifamtoota 227 ta’an gaafa 09/09/2013 simachuun leenjii eegalchiisee jira. Sagantaan simannaa kunis, Pireezidaatiin MMWO fi Walitti Qabaa Gumii Inistiitiyuutichaa kan ta’an obboo Gazaalii Abbaa Simal, Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa fi Itti Aanaa Walitti Qabaa Gumii Inistiitiyuutichaa kan ta’an obboo Huseen Usmaan, Daayireektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa obboo Tasfaayee Booressaa fi I/A/D/Olaanaa Obboo Addaamuu Dhufeeraa bakka argamanitti taasifamee jira.
Daayireektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa kan ta’an obboo Tasfaayee Booressaa haasawa taasisaniin; bu’aa bahii, qormaataa fi dorgommii hedduu keessa darbuun ulaagaa calallii qajeelfama leenjifamtoota leenjii hojiin duraa Inistiitiyuutii keenyaa guutuudhaan sagantaa leenjii hojiin duraa marsaa 15ffaan leenjii fudhachuuf qophooftan baga nagaan dhuftan jechuun erga simatanii booda rakkoo mana jireenyaa leenjifamtootaa Inisitiiyutichi qabu keessaa yeroo itti bahanii fi gamoo haaraa baajata mootummaan ijjaarramee xumurame keessatti isaan simachuuf gahuu isaanitti gammachuu guddaan kan isaanitti dhagahame ta’uu ibsanii jiru. Itti aansuunis, kaayyoowwan gurguddoo Inisititiyuutichi milkeessuuf hundaa’e :
1. Qaamolee haqaa ogeessota kabaja sirna heeraatiif kuttannoon dhaabbatan baayinaan fi qulqullinaan horachuu,
2. Sirni haqaa naannichaa ogeessota dandeettii olaanaa, naamusa gaarii,amantaa fi quuqama uummataa qabaniin akka ijaaramu gochuu,
3. Kenninsi tajaajila haqaa qajeeltoowwan olaantummaa seeraa,iftoominaa fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’e akka jiraatuu fi
4. Sirni haqaa naannichaa bu’a qabeessa, si’oominaa fi dhaqqabamaa ta’e mirkaneessuuf dam iidhaan hundaa’ee hojii ijaarsa dandeettii ogeesota qaamolee haqaa iratti sagantaawwan leenjii gargaaraa kennaa kan ture ta’uu ibsanii jiru.
Qabiyyeen Leenjii Sagantaan Leenjii Hojiin Duraa kun kan ittiin hoogganamu Sirna Leenjii (curriculum) sagantichaaf qopha’ee hojiirra oolee jiruun ta’uu isaa, Sirni leenjichaas utubaalee (pillars) afur irratti hundaa’ee kan bocame yoo ta’u isaanis:
1. Beekumsa Irratti Kan Xiyyeeffatan Ta’uu: leenjifamtoonni turtii leenjii inistiitiyuuticha keessatti seerota fedha hawaasaa fi mootummaa giddu-galeessa godhachuudhan bahanii fi hojumaata sirna haqaa irratti gahumsaa fi dandeettii ol’aanaa gonfatanii akka bahan kan isaan dandeessisuudha.
2. Dandeettii Irratti Kan Xiyyeeffatan Ta’uu፡ adeemsa leenjii tokko tokkoo isaa keessatti muuxannoowwan barsiisoo ta’an dhimmoota qabatamaa, hojii keessatti rakkoolee qunnamuu danda’anii fi furmaata fuul-duraa haala akeekuu danda’u uumuun akka danda’amuuuf leenjistootaa fi ogeessota muuxannoo ol’aanaa qabaniin deeggaramee dandeettii isaanii akka cimsatan kan isaan dandeessisuudha.
3. Ilaalcha Tajaajiltummaa Irratti Kan Xiyyeeffatan Ta’uu: ogeessoonni qaamolee haqaa imaammataa fi tarsiimoowwan mootummaa irratti beekumsa gonfatanii miira tajaajiltummaa fi quuqama uummatamummaa horatanii nageenya amansiisaa, ijaarsa sirna misoomaa dimookiraasii keessatti gahee isaanii akka bahatan dandeessisuudha.
4. Ogummaa Irratti Kan Xiyyeeffatan Ta’uu: sirna haqaa naannichaa keessatti rakkoolee kenniinsa sirna haqaa, alnaamusummaa fi miira tajaajiltummaatiin wal- qabatanii mul’atan furuudhaan ogeessa hojumaata badaa balaaleffatu, kenniinsa sirna haqaa qulqullina qabu, si’aawwaa fi fedhii hawaasaa giddu-galeessa taassifate ogummaadhaan deeggarame kennuu akka danda’an gahumsa akka horatan dandeessisuudha. Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa haala gonfachiisuu danda’uun bocamee hojiirra kan oole akka ta’e ibsanii jiru.
Barbaachisummaa fi kaayyoo sagantaa leenjii hojiin duraa, qabiyyeeleenjii, mata dureewwan leenjiin irratti kennamuu fi duraaf duuba isaanii,sirna madaallii fi gamaggamaa, mirgaa fi dirqama leenjifamtootaa akkasumas kan Inistiitiyuutichaa irratti leenjifamtootaaf ibsi gahaan kan kenname yammuu ta’u, kaayyoon leenjii sagantichaas beekumsa, ogummaa fi miira tajaajiltummaa (cognitive, psychomotor and affective domains) ijoowwan jedhaman leenjifamtootaa gonfachiisudhaan, gahumsa isaanii mirkaneessuun gara qaamolee haqaatti makuu akka ta’e ibsamee jira. Ibsa kanas kan kennan Daayireektara Daayirektoretii Kenna leenji fi Gorsa Seeraa Inistiitiyuutichaa kan ta’an obboo Dhaabaa Dirribaati.
Ibsa dhiyaate irrattis leenjifamtoonni yaadaa fi gaaffiwwan qaban akka kaasan carraan kennamuun gaaffiiwwan dhiyatan irratti ibsi gahaan gama hooggansa Inistiitiyuutichaan erga irratti kennameen booda obboo Huseen Usmaan fi obboo Gaazaalii Abbaa Simal wal duraa duubaan yaadota dhiyaatan irratti ibsa bal’aa kennuun leenjifamtoonni ergama itti aane isaanitti kennamuuf deemu qixa sirriin bahachuudhaaf leenjiin gama Inistiitiyuutiin kennamu barbaachisaa fi murteessaa waan ta’eef, sirnaa fi qajeelfalmoota Inistitiyuutichaa kabajuu fi naamusa olaanaan hordofuun milkaa’inaan xumuruun itti gaafatummaa itti aane isaanitti kennamuuf deemuuf haal duree waan ta’eef, kaka’uumsa olaanaa fi xiyyeeffannoon leenjjicha fudhachuun fi gahuumsaan xumuruun akka isaan irraa eeggamu ibsuun kallattii kennanii jiru.
Dhuma irrattis, leenjifamtoonni leenjistoota Inistiitiyuutichaan akka wal baran erga taasifameen booda keessummoonni kabajaa saganticha irratti argaman doormii haaraa Inisititiyuuichaa ijaarraamuun tajaajila eegalee jiru daawwachuun sagantichi xumuramee jira.