Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
LEENJII -HOJII IRRAA
Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qoannoo Seeraa Oromiyaa mata dureewwan leenjii Aangoo Dhimmoota Yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa Manneen Murtii Oromiyaa: Seeraa fi Hojmaata; Labsii haasawa jibbiinsa fi tatamsa'ina oduu sobaa ittisuu fi too'achuuf bahe lakk.1185/2012 fi Labsii Bulchiinsaa fi To'annoo Meeshaa Waraanaa lakk. 1177/2012 irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Godinaalee fi Aanaalee namoota 85 ta'aniif Magalaa Shaashamannetti kennamaa jira.
Kaayyoon leenjichaas:- ogeessonni seeraa aangoo manneen murtii bu'uura labsii lakki.216/2011 bahee hojiirra jiruun wal qabatee angoon manneen murtii oromiyaa dhimmoota Yakkaa fi hariiroo hawaasaa irratti qaban hubachuun hojiirra oolchu, haasawa jibbiinsa fi tatamsa'ina odeeffannoo sobaa ittisuu fi too'achuutiin wal qabatee hojiirra oolmaa labsichaatiif hubannoo waaliigalaa akkam horatanii fi bulchiinsaa fi too'annoo meeshaa waraanaa ilaalchisees gahee qaamoleen haqaa qabaatan, rakkoolee hojii keessatti qunnamanii fi hojiirra oolmaa seerichaa irratti hubannoo waaliigalaa horachuudhan seerota kanneen hojiirra oolchuu keessatti gahee isaanii akka bahataniif kan gargaarudha.
Leenjii kun marsaa lamaan kan kennamu yoo ta'u, marsaan lamaaffaan gaafa 20- 25/07/2013 bifuma wal fakkaatuun magaala Bishooftuutti kan kennamu ta'a. Leenjii Shaashamannetti jalqabame kunis guyyoota jahan itti aananiif kan turuudha.
Leenjii _Ogummaa
ILOQHQSO mata dureewwan leenjii Labsii yakka shororkeesummaa ittisuu fi too'achuuf bahe lakk. 1176/2012; Labsii haasawa jibbiinsa fi tatamsa'ina odeeffannoo sobaa ittisuu fi too'achuuf bahe lakk.1185/2012 fi labsii To'annoo fi bulchiinsaa meeshaa waraanaa lakk. 1177/2012 irratti Abbootii Seeraa MMWO Dhaddachaalee dhaabbii fi Ijjibaataatiif aklasumas Abbootii Alangaa MHAAWO FI Dhaddachaalee dhaabbii ogeessota 90 ta'aniif Magalaa Bishooftuutti guyyaa 16/7/2013 irraa eegalee guyyoota itti aanan sadiif kennamaa jira.
Kaayyoon leenjichaas:- ogeessonni seera shororkeessummaatiin wal qabatee hojii keessatti rakkoolee mudatan addaan baasanii hubachuudhaan muuxannoo hojii keessatti gabbifatan waliif qoodudhaan; haasawa jibbiinsa fi tatamsa'ina oduu sobaa ittisuu fi too'achuutiin wal qabatee hojiirra oolmaa labsichaatiif hubannoo waliigalaa akka horataniif, bulchiinsaa fi too'annoo meeshaa waraanaa ilaalchisees immoo gahee qaamoleen haqaa qaban, rakkoolee hojii keessatti qunnamanii fi hojiirra oolmaa seerichaa irratti hubannoo waliigalaa horachuudhan seerota kanneen hojiirra oolchu keessatti gahee isaanii akka bahataniif hubannoo uumuu akka ta'e Obbo Guyyoo Waariyoo I/A/P/MMWO leenjicha yammuu saaqan ibsanii jiru.
Walumaagalatti, leenjiin kun ogeessota leenjicha irratti hirmaataniif hubannoo duraan qaban daraan cimsachuun hojii isaanii gahumsaan akka bahatan isaan dandeessisa jedhamee eeggama.
Workishooppiin_ Mirkaneessa Gumeewwan Qorannoo Gaggeeffamee jira.
Instiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo'annoo Seeraa Oromiyaa, mata dureewwan bara 2013 qorannoo irratti gaggeessuuf adda bahan sadi irratti gumeewwan qorannoo abbootii hirtaaf dhiheessee jira.
Mata dureewwan kunis, Sababootaa fi Midhaawwan Diiggaa Gaa'ilaa, Bulchiinsa ,Itti Fayyadamaa fi Hojii irra Oolmaa seerota Lafa Magaalaa; fi Hojii irra Oolmaa qorannowwan ILOQHQSO ilaachisee magaala Bishooftuutti gaggeeffamee jira.
Kaayyoon sagantaa kanaas, dhimmoota qorannoo irratti gaggeesuuf adda bahan kanneen irratti yaadota galtee ta'uun qulqullina qorannichaa dabaluu danda'an argachuuf yaadamee akka ta'ee fi marii taasifameenis hirmaattota workishooppichaa irraa yaadonni galtee qorrannoowwan kanaa gabbisan hedduun kan argaman ta'uun ibsamee jira.
###Leenjii Hojii irraa itti fufe###
Aangoo Dhimma Yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa Manneen Murti:Seeraa fi Hojimaata, Labsii haasawa jibbiinsa fi tatamsa'ina odeeffannoo sobaa ittisuu fi too'achuuf" bahee Lakk. 1185/2012 fi Labsii Bulchiinsa fi To'annoo meeshaa waraanaa Lakk. 1177/2012 irratti Abbootii Seeraa 100 fi Abbootii Alangaa 60 walumatti ogeessota seeraa 160 Godinaalee fi Aanaalee Oromiyaarraa dhufaniif Magaalaa Bishooftuuttii marsaa 2ffaaf leenjii hubannoo cimsuu turtii guyyoota shaniif turu kennamu har'a eegalamee jira. Daayireektrarri olaanaa inistitiiyuutichaa obboo Tasfaayee Booressaa hirmaattoonni leenjichaa,bu'uura sagantaa qabameen leenjicha sirnaan hordofuun bu'aa leenjicha irraa argatan muuxxannoo qabaniin deeggaruun hojii irra akka oolchanii fi dhimmoota irratti leenji'anis mana hojii isaaniin akka gahan dhaamsuun leenjicha eegalsiisanii jiru.
Abbootii Seeraa Manneen Murtii Olaanaa fi Aanaaleetiif akkasumas Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaaleetif Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa fi Labsii Dhimma Beenyaa(Expropraition) irratti ILOQHQSOn magaala Bishooftuutti kennamaa jira.Leenjiin kunis guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, haaluma walfakkaatuun marsaa sadiin kan kennamu ta'a.
Qabiyyeen leenjichaas, dhimoota waraqaa waamichaa, Makamiinsa falmiitoota, Ajajoota Fala kan yeroo fi Raawwi Murtii akkasumas labsii lafa faayidaa hawaasaaf yammuu abbaan qabiyyee gadi lakkisu beenyaa murtaa'u ilaalchisee labsii haaraa bahe lakk. 1161/2011 irratti xiyyeeffachuun kan kennamuudha.
Kaayyoon Leenjii kanaas, rakkoolee hojimaata keessatti mudatan hiikudhaan raawwii murtii si'ataa, qulqulluu fi haqa qabeessa ta'e kennuu fi kenniinsa sirna haqaa Naannichaa dhugoomsuuf kaayyeeffatee leenjii keennamaa jiru akka ta'e ibsamee jira.