#Simannaa Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa simachuun guyyaa har'aa leenjii eegalchiisee jira. Sirna simannaa kana irratti Daayirektarri Daayirektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsaa Obbo Dhaabaa Dirribaa mirgoota, dirqamootaa fi ittigaafatamummaa leenjifamtootni yeroo turtii waggaa tokkoof ILQSOtti taasisan keessatti qaban leenjifamtootaaf ibsaniiru. Daayirektarri Ol'aanaa Itti Aanaan ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo gama isaanitiin leenjifamtootni leenjii isaanii xiyyeeffannoo guddaan hordofuun gahumsa ol'aanaa, naamusaa gaarii fi miira tajaajiltummaa gonfachuun ummata isaanii haqaan tajaajiluuf qophaa'uu qabu jedhaniiru.
#Yeroo leenjii bu'aa gaarii itti galmeessitan isiniif haata'u!