Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
LEENJII HOJII IRRAA_ YEROO GABAABAA
Sirna Seera Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa: Seeraa fi hojimaataa fi Mirga Abbaa Qabiyyummaa lafaa faayidaa Uummataatiif gad lakkisiisuu ilaalchisee labsii Sirna Murteessa Beenyaa irratti labsii lakkoofsa 455/97 haquudhaan seera haaraa bahe Labsii lakkoofsa 1161/2011 akkasumas dambii labsii kana raawwachiisuuf bahe irratti Abbootii Seeraa MMWO fi Abbootii Alangaa MHAAWO dhaddachaalee dhaabbii irra jiran dabalatee ogeessota 50f ILOQHQSOn magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira.
Kaayyoon leenjichaas, rakkoolee qabatamaa hojii keessatti qunnaman keessumattuu, iyyannoo(waraqaa waamichaa fi faloota yeroo), makamiinsa falmitootaa, hafiinsa falmitootaa, barreessa murtii fi raawwii murtii tiin wal qabatanii mul'atan adda baasanii xiinxaluudhaan hubannoo fala ta'uu danda'u uumuuf yammuu ta’u, Labsii mirga abbaa qabiyyummaa lafaa faayidaa Uummataatiif gadi lakkisisuu ilaalchisee yaad rimee labsichaa fi dambii labsicha raawwachisuuf bahe irratti hubannoo uumudhaan rakkoo kanfaltii beenyaatiin wal qabatee hojii keessatti uumaman furuuf kan xiyyeefateedha. Leenjii kanas pireezidaatiin MMWO fi Waliitti Qabaan Gumii Inistiitityuutii keenyaa kan ta’an kabajamoo Obboo Gazaalii Abbaa Simal kaayyoo leenjichaa ibsuudhaan leenjicha eegalsiisanii jiru. Leenjiin kunis fedhii leenjii ogeessota qaamolee haqaa bu’uura gochuudhaan kan qindaa’e yammuu ta’u, leenjichis guyyoota sadan itti aananiif kan turu akka ta’e ibsamee jira.
Leenjii Marsaa 3ffaa_Itti fufe,
ILOQHQSO'n Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Godinaalee fi Aanaleetiif Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa fi seera beenyaa qabiyyeen faayidaa hawaasaaf yammuu gadi lakkifamu murtaa'u ilaachisee labsii fi dambiiwwan haaraa bahan irratti Magaala Shaashammanneetti kennamaa jira.
Leenjii Ijaarsa_ Dandeettii Keessoo
Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa hojjatoota Pablik Sarvaantii ILOQHQSOtiif kennamee jira.
Qabiyyeen leenjii kanaas mata dureewwan sadii irratti yoo ta'u,
1. Aadaa Mana Hojii gaarii dagaagsuu(Developing organisational Culture);
2. Labsii haaraa Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 215/2011 fi 3ffaan Qajeelfama Raawwii Hooggansa Qabeenya Namaa manneen hojii mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 15/2012 bahee irratti qabiyyee seerichaa fi qajeellfama labsii kana hojii irra oolchuuf bahe hubannoo hojjatoota Inistiitiyuutichaa cimsuuf yaadamee leenjii kennameedha.
Kaayyoon waligalaa leenjii kanaas, Pablik Sarvaantiin Inistiitiyuutii keenyaa rakkoo aadaa mana hojii waliin wal qabatee jiru adda baasuun tarsimoo rakkoowwan jiran hiikuu danda'an akka qopheessan, hojii irra oolchanii fi akka dagaagsan taasiisu, labsii, danbii fi qajeelfamoota mootummaan naannoo Oromiyaa mirgaa fi dirqamoota hojjatootaa irratri kaa'u hubachuun fi beekanii gahee isaanii akka bahaniif leenjii kennameedha. yaadameeti.
Leenjiin kunis, Ogeeyyoota Ol'aanoo Biiroo Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Taaddalaa Amansiisaa fi Obboo Silashii Fiqaaduutiin kan kennameedha.
Gargaartonni Abbootii Seeraa fi Garg. Abbootii Alangaa Leenjii Hojiin duraaf Inistiitiyuutii keenya irraa waamicha eeggachaa jirtan hundi beeksisa kanatti dhiyaadhaa!
Inistiitiyuutiin keenya hiikoo fi bu'aan barnoonni dhalootaaf qabu hubachuun giddu gala leenjii haala mijataa ta'e Mana Barnoota Addaa Waldaa Misooma Oromiyaatiif gadhiisuun mana ciisichaa leenjifamtootaaf waggoottan shanan darbaniif kireeffachuun tajaajilamaa turee jira. Rakkoo kana furuufis mootummaan Naannoo Oromiyaa baajata ramaduun manni ciisichaa leenjifamtootaa abbaan darbii afurii bilookiin lama ijaarsi isaanii caamsaa bara 2010 eegalamee ture yeroo ammaa xumura irra gahee jira. Ogeessota Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaatiin, Abbaa Taayitaa Konstiraakshinii Oromiyaa fi
Biiroo Maallaqqaa fi Walta'iinsa Diinagdeetiin akkasumas qaamolii birootiin hordoffii fi deeggarsi taasifamaa turee jira. Gamoowwan kunis, tajaajila guutuu kennuuf akka dandeessiisan ijaarsaawwan dabalataaf hojjatamaa kan jiru yoo ta 'u, guyyaa har'as ogeessota BMWDO tiin daawwatamee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Gumii Inistiitiyuutii keenyaa,BMMMO, ATKO, BMWDO,dhaabbanni ijaarsa Guutumaa Firrisaa fi qaamoliin ijaarsa gamoo kana keessatti gahee keessan bahattan hunduu carraa kanaan galatoomaa jenna.
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa baga Ayyaana Eid Alfaxiriif Nagaan Geessan!
Eid Mubaarak!
Ayyaana Gaarii!!!