Oromia Legal Training and Research Institute
8.18K subscribers
3.16K photos
28 videos
297 files
30 links
Download Telegram
#ILQSOn workishooppii Mirkaneessa Qorannoowwan bara kana gaggeeffaman woyta Abbootii Hirtaaf dhiyeessu kan #OBN gabaase.
Waxabajjii 26/2017

Hordoftoota keenna, Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa( ILQSO)n moojuloota Leenjii bara bajataa 2017 mata duree garaagaraa irratti qopheesse #9 fuula Teeleegiraamii keennaa irra waan isinii kaa'ameef telegiraamicha irra seenuun fayyadamuu dandeessu.
Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 4ffaa Gaggeeffame.

(Adoolessa,04/2017 , ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qoranno Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gamaaggama Raawwii Hlojii Kurmaana 4ffaa(waggaa) Gaggeesse.

Inistiitiyuutichi Gamaaggama gaggeesseen raawwii hojiilee bara 2017 keessa hojjatamanii gadi fageenyaan ilaaluun hojiileen karoorfaman harki caalaan akkaataa barbaadameen hojjatamuun kan itti milkaa'e tahuu ibsameera.

Hojiiwwaan muraasa bara kana osoo hin milkaa'in hafan karoora bara 2018 keessatti milkeessuuf kan hojjatamu ta'uunis ibsameera.

Gabaasa Raawwii Hojii kurmaana 4ffaa kan Daayrektoreetii hundaatuu gama Daayrektoreetii Karooraatiin kan dhiyaate yoo ta'u, hanqinaaleen akka waliigalaatti mul'atan ka'uun irratti mari'atameera.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti, raawwii hojiiwwan bara 2017 hojjataman keessatti hojiileen karoorfan caalmaan isaanii kan milkaa'an ta'uu ibsuun, karoorfamanii kan hafan karoora bara 2018 keessatti milkeessuf gaheen hunda keennaa ol'aanadha jedhan.

Dabalataanis obbo Sulxaan, gaaffilee fi yaadota hirmaattota biraa ka'an irratti deebii kennuun, akka waliigalaatti barri 2017 kan hojii gaarii hojjachuun itti milkoofne jechuun , hanqinaalee mul'atan tokko tokko waliin ta'uun bara karoora itti aanu keessatti milkeessuuf qophiin hunda keennaa mirteessaa ta'u himanii jiru.