Oromia Legal Training and Research Institute
7.77K subscribers
3.06K photos
16 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Ebla 16/2017
#Kutaa_11ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa.
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa_korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Eff Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa biraa kan gahuudha.

Qophii keenya har'aa kutaa 11ffaatin mata duree #Ragaan_Sobaa_maali? jedhu qabannee dhiyaannee jirra.

Ragaan Sobaa Dhiibbaa Akkamii qaba? Nama Ragaa Sobaatiin hidhame tokko akka biyya keenyatti beenyaan kaffalamuuf waan hin turreef beenyaan kun haala akkamiitin kaffalamuufii qaba? Kan jedhuu fi kaneen biroo qorannoo ILQSOn gaggeesse irraa waa hedduu hubachuun ni danda'ama.

Mata duree kana irratti ibsa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Qorataa seeraa #Obboo_Araarsaa_Kabbee waan jedhan
Qophicha irraa dhaggeeffachuun Gaafii mata durichaan walqabatuu fi yaada qophicha irratti qabdan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessaa.
Ebla,17/1017

Koreen Bulchiinsa ILQSO Pirojektoota Ijaaramaa jiran Daawwate.

Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti ijaarsi pirojekiiwwan mana kitaabaa fi kaafteeriyaa koree Bulchiinsa Inistiitiyuutichaatiin daawwatamee jira.

Daawwannaa kana irratti ogeessonni piojekticha hojjachiisaa jiranis argamuun dhimmoota barbaachisoo ijaarsa pirojektiiwwan kanneenin walqabatan, akkasumas yaadotni tokko tokko galteef ta'an gama koree bulchiinsaatiin ka'uun haala ijaarsa irratti ogeessota waliin mari'atamee jira.

Walumaagalatti Haalli ijaarsa pirojetiiwwan mana kitaabaa, kaafteeriyaa fi manni eegumsaa irra jiru haala bareedaa fi gara xumuramuutti kan dhiyaate waan ta'eef, yaadonni gama koree bulchiinsaatiin ka'an itti dabalamee haala ammayyaawaa ta'een xumuramuun yeroo gabaabaa keessaatti tajaajilaaf qophii akka tahu yaada kennamerraa hubatamuun danda'ameera.
Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Gaggeeffame.

(Ebla,23/2017 , ILQSO, Adaamaa)

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qoranno Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gamaaggama Raawwii Hlojii Kurmaana 3ffaa Gaggeesse.

Inistiitiyuutichi Gamaaggama gaggeesseen raawwii hojiilee ji'oottan saglan darban keessa hojjataman gadi fageenyaan ilaaluun hojiilee karoorfamanii harca'anii hafan yeroo itti aanutti hojjachuun karooraa fi raawwii wal simsiisuuf kan hojjatu ta'uu ibsee jira.

Gabaasa Raawwii Hojii kurmaana 3ffaa kana irratti Daayrektoreetiin hundinuu hojiilee isaanii dhiyeessuun mariin bal'aan taasifameera.

Marii taasifameenis dhimmoonni ijoon Inistiitiyuutichi akaamiin teeknoolojiitti fayyadamee leenjiwwan online kennuu danda'a kan jedhuu fi yaadonni galteef ta'an hedduun hirmaattota biraa ka'ee jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti raawwii hojiiwwan ji'oottan saglan darban hojjataman keessatti hojiileen hojjatamuuf karoorfamanii harca'anii hafan yeroo hafte kana keessatti raawwachuun karoora keenya milkeessuu qabna jedhanii jiru. Dabalataanis obbo Sulxaan, gaaffilee fi yaadota hirmaattota biraa ka'an irratti deebii kennuun, armaan dura leenjii qaamolee haqaatiif kennuu irratti kan xiyyeeffanne ta'us, leenjiwwan dandeettii raawwachiisummaa keessoo keenyaa cimsan kennuun keessoo keenya caalmatti gahoomsuun barbaachisaa wan taheef xiyyeeffannoon kan hojjatamu tahuu ibasnii jiru.