Oromia Legal Training and Research Institute
7.78K subscribers
3.06K photos
17 videos
283 files
22 links
Download Telegram
#ILQSOn_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_Addaa_3ffaa_Eebbisiise.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 3ffaa Abbootii Alangaa 97 eebbisiisuun sirna haqaatti akka makaman taasisee jira.

Inistiitiyuutichi kanaan dura Sagantaalee leenjii adda addaatin ogeessota seeraa 4,225 gahoomsuun sirna haqaa naannichaatti akka makaman taasisee jira.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo, haasawa baniinsaa woyta taasisan eebbifamtootan baga gammaddan jechuun, #ILQSOn mul'ata hojii Leenjii ,Qorannoo fi Gorsa Seeraatiin akka biyyaatti filatamaa jedhu qbatee Sirna haqaa fooyyeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa taasisaa jira jedhan.

Dhumarrattis Obboo Sulxaan, rakkoolee alnaamusummaa fi malaan hattummaa yeroo ammaa mul'atu kana ogummaa fi naamusa horattanitti fayyadamuun hojiirra oolmaa haqaa fooyyeessuu keessatti gaheen guddaan kan eebbifamtoota kanneen irraa eeggamu tahuu dhaamanii jiru.

Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obboo Guyyoo Waari'oo ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, eebbifamtootan baga gammaddan erga jedhanii booda, Sirna haqaa keessatti hawaasa karaa haqa qabeessan tajaajiluuf ogummaan naamusaan dabaalame murteessaa waan ta'eef, hawaasa gadi buunee naamusa gaarii fi karaa haqa qabeessa ta'een tajaajiluun durqama ogummaa keenyaa bahuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
#Sagantaa_Eebba_Leenjifamtoota_Leenjii_Hojiin_Duraa_Marsaa_Addaa_3ffaa Sadaasa 28/2017 Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Eebbisiise #Oduu_Raadiyoo_Faanaatiin hojjatame.
#ILQSOn Mataduree #Seera_Deemsa_Falmii_Hariiroo_Hawaasaa_Dhimmoota_Xiyyeeffannoo_Barbaadan jedhu irratti leenjii kennaa jira.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #(ILQSO)n mata duree Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH )Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan jedhu irratti leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu magaalaa #Roobeetti kennaa jira.

Qaamoleen leenjicha irratti hirmaataa jiran Abbootii Alangaa Godinaalee Baalee,Baalee Bahaa,Boorana Bahaa fi Aanaalee isaan jala jiran akkasuas Bulchiinsa MagaalaaShaashamanneeti.

kaayyoon leenjii kanaa ,Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Manneen Hojii Abbaa Alangaa Falman Adda baasuu, Dhimmoota HH dantaa hawaasaa fi mootummaa ta'an agarsiisuu fi Dhimmoota Hojii misoomaa, Bulchiinsa mootummaatiin hojjatamaniin gosaa fi xaxamiinsi isaanii dabalaa dhufan irratti hubannoo cimsuuf yoo ta'u, akka waliigalaatti muuxannoo waljijjiiruun rakkoolee hojmaata kessatti muudatan fooyyessuun kallattii fuula duraa akeekuuf akka ta'e himamee jira.