Oromia Legal Training and Research Institute
7.79K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa fi karoora Tiraanisfoormeeshinii Kenna Tajaajilaa irratti marii gaggeesse.

Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2017 dhiyaate keessatti hojiilen akka Inistiitiyuutichaatti hojjatamuuf karoorfaman akkaatama karoorfamaniin kan raawwatamaa jiran ta'us hanqinaaleen tokko tokko jiraachuun gabaasicha keessatti dhiyaatee jira.

Gama biraatiin karoora tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajilaa irratti hubannoo waloo uumuuf akka toluuf leenjiin gabaabaan kan kenname yoo ta'u, kenna tajaajilaa si'ataa, qulqulluu fi itti fufiinsa qabu kennuuf karooraan hoogganamuun barbaachisa ta'uun ibsame.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo hojiiwwan bara kana hojjatamuuf karoorfaman milkeessuf hanqinoota jiran duguugnee qindoominaan irratti hojjachuun kan hunda keennarraa eegamu ta'uu ibsuun, of kenninee ariitiin hojjachuun barbaachisaadha jedhan.

Dhuma irrattis yaadaa fi gaaffiwwan gabaasa dhiyaate fi karoora tiraanisfoormeeshinii kenna tajaajilaa ilaalchisee ka'an irratti deebii erga kennanii booda kurmaana itti aanutti hundi keenya qindoominaan hojjachuun karoora keenya milkeessuu qabna jechuun dhaamanii jiru.
Guyyaa 27/02/2017

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n LeenjifamtootaLeenjii Hojii Duraa (LHD) marsaa 18ffaatiif mata duree leenjii "Heera Mootummaa fi Gahee Qaamolee Haqaa" jadhu irratti leenjisaa ture xumuruun qormaata madaallii itti fufiinsaa keenna jira.

Kaayyoon leenjii mata duree kanaa, leenjifamtoonni wayita leenjii kana xumuranii qaamole haqaa naannichaatti makaman heera fi seera biyyaa wal siimsiisuun hojii irra oolchuun fayyadamummaa hawaasa haqa barbaaduu mirkaneessuf akka ta'e ibsamee jira.
Mirkaneessa Fedhii Garee Mana Murtii Aadaa

Mala aadaatiin waldhabbii hiikuun biyyoota hedduu keessatti hojiirra oolaa jira. Mala kanaaf maqaafi hiikkoon adda addaa kennamee kan jiru yoo ta’eyyuu seera aadaafi afoolaan dhalootaa dhalootatti darbuun kan murtii kennu ta’uu irratti waliif galama. Manni Murtii Aadaa akka Naannoo keenyaatti hojiirra jiru kunis mala kana keessatti kan haammatamudha. Heerri RDF Itoophiyaa fi Heerri MNO seerota aadaatiif iddoo guddaa kennanii jiru. kwt 34 jalatti dhimmootni seera maatiifi dhuunfaa seera idileetiin qofaa ilaalamuu akka hin qabneefi mana murtii aanaa (MMA) fi mana murtii amantaa akka filannoo birootti kaa’eera.Waldhabbiiwwan kunis fedhii gareewwanii giddugaleessa godhachuun ilaalamuu akka qaban kwt 34(5) jalatti ibsameera.

Heera RDF Itoophiyaa kwt 78(5) jalatti Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Federaalaas ta’e manni maree Mootummaa Naannolee MMA fi Mana Murtii Amantii hundeessuu ykn beekkamtii kennuu akka danda’aan ni kaa’a. Heerri Naannoo Oromiyaa kwt 62 jalatti Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa MMA hundeessuu yookiin osoo Heerri hin bahiin kanneen turaniif beekkamtii kennuufii akka danda’u kaa’eera. Tumaalee kanneen bu’uureffachuun labsii, dambiifi qajeelfamni MMA bahuun akka naannoo keenyaatti ittiin hojjetamaa kan jirudha.

MMA dhimma tokko ofitti fuudhee keessummeessuuf fedhiin gareewwanii jiraachuun dirqama akka ta’e Heerriifi Labsiin Manneen Murtii Aadaa Hundeessuufi Beekamtii Kennuuf bahe kaa’u. Fedhiin gareewwanii hin jiraanne taanaan Manni Murtii Aadaa (MMA) dhimma tokko ofitti fuudhee keessummeessuu hin danda’u. Labsiin haala fedhiin himataafi himatamaan itti mirkanaa’uu qabu adda baaseera. Namni MMA himata yookiin iyyata dhiyeeffate fedhii akka qabuutti tilmaama jechuun labsicha kwt 25(1) jalatti tumameera. Akka tumaa kanaatti garee iyyata yookiin himannaa dhiyeeffate jaarsooliin gaaddisa irratti fedhii gaafachuuf akka hin dirqamne agarsiisa. Fedhii himatamaa mirkaneessuu ilaalchisee garuu haala addaan kaa’eera. Himatamaan waamichi dhaqqabee erga dhiyaatee booda deebii akka kennu taasisuun dura, dhimmi isaa MMA akka ilaalamu fedhii qabaachuun gaaddisa irratti gaafatamee mirkanaa’uu qaba. Fedhii qabaachuun erga mirkanaa’ee booda himata yookiin iyyata dhiyaate irratti deebii akka kennu taasifama. Fedhiin gaafatamus ta’ee fedhiin kennamu ifaan akka ta’uu qaba malee tilmaamni hin fudhatamu. Kana jechuun himatamaan sababa iyyataa yookiin himannaa dhiyaateef deebii kenne qofaaf, fedhii kenneera jedhamee tilmaamni hin fudhatamu. Jaarsooliin fedhii osoo hin mirkaneeffatiin kallattiin gara dhimma ilaaluutti yoo seenaniifi himatamaan yeroo sanatti yoo hin mormine ta’ellee, fedhiin bu’uura seeraatiin mirkanaa’eera jechuun hin danda’amu.

Fedhiin himatamaa yeroo gaafatamu haalawwan dirqisiisoo ta’an yookiin immoo sodaachisoo ta’an irraa bilisa ta’uu qaba. Fakkeenyaaf, fedhii hin qabu yoo jedhame akka waan Abbaa Gadaa, Haadha Siinqee, Aadaafi Safuu Ummata Oromoo fi kkf kabajuu dhabeetti fedhachuun fedhii isaa akka kennu godhamuu hin qabu. Garuu himatamaan fedhii hin qabu yoo jedhe kaayyoo MMA ibsuun amansiisuun ni danda’ama. Fedhiin erga mirkanaa’ee dhimmichi ilaalamuu eegalee booda gareen lachuu fedhii isaanii kaasuu hin danda’an. Qaamni komii qabu yoo jiraate murtii kennamee jiru irratti ol-iyyata fudhachuu danda’u. Waraqaan waamichaa dhaqqabee himatamaan yoo dhiyaachuu baate qaama birootiin hidhamee yookiin dirqamee kan dhiyaatu yookiin galmeen bakka hin jirretti kan ilaalamu osoo hin taane MMA dhimmicha ilaaluuf aangoo akka hin qabneetti fudhachuun bu’uura labsicha kwt 42(2(a) aadaafi duudhaa naannoo sanaa cabseera jedhamuun adabbiin madaalawaa, haqa qabeessaafi haala himatamaa giddugaleessa godhate bu’uura seera aadaa iddoo sanaatiin kan kennamu ta’a.

Qabxii biroo ilaalamuu qabu fedhii osoo hin mirkaneeffatiin dhimmichi yoo ilaalame bu’aan isaa maal ta’a kan jedhuudha. Heera Mootummaa kwt 34(5) jalatti MMA fedhii gareewwanii giddugaleessa godhachuun dhimmoota seera maatiifi dhuunfaa ilaalee murtii kennuu akka qabuudha.
Tumaa kwt 9(1 &2) jalatti Heerri seera olaanaa akka ta’e, murtiin kamuu Heeraan walfaallessu fudhatama akka hin qabneefi qaamni kamuu kabajuufi kabachiisuuf dirqama akka qaban ibsameera. Labsicha kwt 26(1) jalatti akkuma ibsamee jirutti MMA dhimmoota itti dhiyaate ilaalee ajaja yookiin murtii kennuu kan danda’u seera aadaa bakka manni murtichaa itti hojjetu bu’uureffachuun akka ta’e ibsameera. Seera Aadaa jechuun seera aadaa Oromoo bakka Manni Murtii Aadaa itti hojjetutti argamu ta’ee, Heera Mootummaa, hamilee fi haqa uumamaa kan hin faallessine jechuudha. Kanaaf fedhii osoo hin mirkaneessiin murtii MMA kennamu bu’uura seeraa hin qabu jechuudha. Manni murtii idilees dhimma kana akka sababa oliyyannootti ofitti fuudhee keessummeessuu ni danda’a.