Oromia Legal Training and Research Institute
7.8K subscribers
3.06K photos
18 videos
283 files
22 links
Download Telegram
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n marsaa 15ffaaf Leenjifamtoota Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraatiin Eebbisiise.

ILQSOn sagantaa leenjii hojiirraa yeroo dheeraatiin bara kana leenjifmatoota seeraa 49 ji' a sadiif erga leenjisee booda guyyaa har'aa eebbisiisee jira.

Daarekteeri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa woyta taasisan, keessummoota saganticha irratti argaman erga simataniin booda leenjifamtootaan baga gammaddan jechuun, kaayyoon ILQSO ogeessota seeraa gahoomsuun sina haqaa naannichaa cimsuudha jedhan. Leenjifamtootni har'a eebbifamtan kun ogummaa fi beekumsa duraan qabdan irrtatti turtii ji'oottan sadiin darban ILQSO keessa turtan kanatti beekumsa fi ogummaa dabalataan argattan kanaan hawaasa keenyaf tajaajila haqaa kennuun rakkoowwan gama kanaan jiran furuuf gaheen guddaan isinirraa eeggama jechuun Obboo Dobeen leenjifamtootaaf dhaamanii jiru.

Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obboo Guyyoo Waari'oo sirna haqaa naannichaa fooyyessuu keessatti gahee ol'aanaa bahachaa kan jiru ILQSO galateeffachuun, leenjifamtootan beekuma dabalataa leenjii hojiirraatin argattan kanaan hawaasa keenya tajaajila haqaa barbaaduuf tajaajila haqa qabeessa kennuun ogummaa fi naamusa hawaasni isinirraa eegun riifoormii mootummaan gama seeraatiin fooyyessuuf karoorfate milkeessuu keessatti shoora ol'aanatu isinirraa eegama jechuun dhaamanii jiru. Dhuma irrattis Obboo Guyyoon, sirna haqaa fooyyessuun tajaajila haqaa hawaasni keenya akka argatu gochuuf Biiroon Abbaa Alangaa waan humni isaa danda'e hunda gochuun isin cinaa jirra jechuun leenjifamtoota jajjabeessanii jiru.
Eid Mubarak!

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n hordoftoota amantaa islaamaa hundaan Baga Ayyaana Iidal Adihaa(Arafaa) bara 1445ffaan isin gahe jechuun hawwii isiniif qabu ibsa. Ayyaanichi kan gammachuu, kan jaalalaa fi milkaa'inaa isiniif haa ta'u.

ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee: Qorannoo fi qo'annoo gaggeessuu, Leenjii idilee hojiin duraa, leenjii hojii irraa yeroo dheeraa fi gabaabaa kennuun ogeessota seeraa gahoomsuun sirna haqaa naannichaa cimsuu keessatti hojii guddaa hojachaa jira.

Ayyaana Gaarii!!!
Yeroo Dhihootti/Coming Soon!
Hojjattoonni Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa mata duree "Gargaaramummaa irraa gara Omishtummaatti : Kabaja hunda galeessaa fi Birmadummaa Biyyaalessaatiif" jedhu irratti marii gaggeessan.

ILQSOn mata dureewwan dhiyaataan irratti marii guyyaa tokkoof hojjattoota Inistiitiyuutichaa waliin gaggeessee jira.

Itti Aanaan Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Sanada barreeffamaan dhiyaatu xiyyeeffannaan dhaggeffachuun marii irratti bal'inaan yaada kaasuuf gargaara waan ta'eef naamusaan hordofuun barbaachisaa ta'uu ibsanii jiru.

Dhuma irrattis kaayyoon guddaan barreeffamichaa ilaalcha qabnu jijjiiruun qabeenya qabnu fayyadamuun rakkoolee ka'an kana keessaa bahuuf cimnee hojjachuun barbaachisaadha jechuun Obboo Sulxaan dhaamanii jiru.