Oromia Legal Training and Research Institute
7.94K subscribers
3.11K photos
24 videos
283 files
27 links
Download Telegram
Maxxansa Qorannoowwan bara 2015 Jildii 5ffaa
Qorannoowwan ILQSO'n gaggeessu qaamolee abbaa hirtaa haala salphaan akka qaqqaban haala mijeessuu, hojiirra oolmaa argannoo isaanii mirkaneessuu fi maxxansa qorannoo kanaan duraa bifa kitaabaa ( Hard Copy)n maxxansaa turre bara kana Soofti koppiidhaan gadi isinii lakkisnee jirra.
Diizaayiniin Pirojektii ILQSO'n ijaarsisaa jiru kana fakkaata!
Ijaarsi pirojektiiwwan Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ijaarsisaa jiru gamoon mana kitaabaa fi kaafteeriyaa dizaaynichi kan kana fakkaatu yoo tahu, ijaarsi pirojektichaa yeroo ammaa 50% ol darbeera.
Beeksisa Qacarrii Hojii Inistiitiyuutii Leejii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
ILQSOn magaalaa Jimmaatti matadureewwan garaagaraa irratti iddoo lamatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti Abbootii Alangaa fi Abbootii seeraatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

ILQSOn mata Duree Seerota Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa, Faayidaa Ummataaf Qabiyyee Lafaa Gadi Lakkisiisuu fi Investimantii: dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan jedhu irratti leenjii kan kennaa jiru yoo ta'u, Leenjiin kun guyyoota afuriif kan kennamuudha.

kaayyoon leenjichaa seerota lafaan walqabatanii haaraa bahanii fi xiyyeeffannoo barbaadan irratti hubannoo ogeessota seeraa dabaluuf kaayyeffatee kan kenname ta'uu I/Aanaan Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo ibsanii jiru.