ILQSO
4.01K subscribers
2.24K photos
247 files
6 links
Download Telegram
Bitootessa 20,2016
Dubartoonni hojjattoota Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa ayyaana dubartootaa march 8 Bulchiinsa magaalaa Baatuu Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti dhaadannoo "Dubartoota gahoomsuun Nageenyaa fi Misooma haa mirkaneessinuu!" jedhuun kabajanii jiru.
Ayyaana akka addunyaatti yeroo 113ffaaf akka biyya keenyaatti immoo yeroo 48ffaaf kabajamu kana sababeeffachuun ILQSOn waajjira fayyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa waliin ta'uun mata duree "Kaansarii Gadaamessaa fi Kaansarii Harmaa " jedhu irratti hubannoon bal'aan kennameera.
Ogeettiin Hordoffii fi deeggarsa fayyadamummaa dubartootaa ILQSO Aaddee Zarituu Anbassee ergaa baga gammaddanii erga dabarsanii booda, guyyaa walqixxummaan keenya itti mirkanaa'e kana sababeeffachun leenjii gabaabaa waa'ee fayyaa keenyaa irratti nuuf qophaaye kanarraa fayyadamuun barbaachisaadha jedhanii jiru.
I/A Daayrekteera Ol'aanaa ILQSO obboo Sulxaan Abdoo ergaa dubartootaaf dabarsan irratti"Dubartoonni utubaa biyya tokkooti.Diinagdee,hawaasummaa fi siyaasa biyya tokkoo guddisuu keessatti gahee ol'aanaa waan qabaniif fayyaa isaanii eeguu fi eegsisuun baayyee barbaachisaa waan taheef kana hubachuun xiyyeeffannoo kennitanii leenjicha irraa fayyadamaa tahuu qabdu"jechuun dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
Ebla 18/2016
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n magaalaa Adaamaatti Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
ILQSOn mata duree Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Oromiyaa haaraya ,Labsii lakk.248/2015 fi Dhagahaa Himannaa fi Ol Iyyannoo jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.
kaayyoon leenjii kanaa Seera Bulchiinsaa fi Itti Fayyadaama Lafa Baadiyaa Oromiyaa haaraya bahe irratti hubannoo walii galaa uumuun rakkoolee seerota kanneenin walqabatanii hojii keessatti muudatan bifa walfakkaataa ta’een hiikuuf akka ta’e ibsame.
Daarekteerri Ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Dobee Dhaabaa haasawa baniinsaa woyta taasisan akka jedhanitti, Leenjichi mata dureewwan kanneen irratti akka kennamu kan taasifameef leenjifamtoonni hubannoo walfakkaataa fi yaadama walitti dhiyaatu horatanii rakkoowwan hojii keessatti isaan muudatu furuuf hubannoo dandeessisu uumuuf akka ta’e ibsuun leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun muuxannoo walirraa argataniin hojii isaanii milkeessuuf gaheen guddaan kan ogeessota kanneen irraa eegamu tahuu dhaamanii jiru.
Guyyaa 23/08/2016
Inistiitiyuutiin leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3faa gaggeessaa jira.
Gamaaggama raawwii hojii ji'oottan saglan dabranii gadi fageenyan ilaaluun ciminoota jiran itti fufsiisuu fi hanqinoota jiran fooyyessuun milkaa'ina karoora keenyaatiif barbaachisaadha jechuun Daayrekteerri ol'aanaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa obboo Dobee Dhaabaa hojjattoota inistiitiyuutichaatiif dhaamanii jiru.
Dhumarrattis kurmaana 4ffaa kana keessatti hojiilee hanga ammaa harca'anii hafan duguugnee hojjachuun karoora keenya kan bara kanaa fiixaan baasuu akkasumas yeroo karoorri bara 2017 itti qophaa'u waan ta'eef hojjattoonni hunduu ciminaan gahee isaanii bahuu qabu jedhame.