Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Leenjifamtootni leenjii hojiin duraa marsaa 16ffaa qormaata xumuraa yemmuu fudhatan suuraadhaan.
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Uummata Maraan faajjii tokkummaa fi obbolummaa kan ta'e baga ayyaana Irraachaa isiin gahe jechaa ayyaanichi kan nagaa,badhaadhina, tokkummaa fi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
Inistitiyuuyiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa marsaa 16ffaa eebbisiisaa jira. Inistitiyuutichi hanga ammaatti sagantaa kanaan leenjifamtoota 4045 leenjisee qaamolee haqaatti makee jira.
#Eebba Leenjifamtoota LHD marsaa 16ffaa

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ogeessota seeraa sagantaa Leenjii Hojiin Duraa marsaa 16ffaatiin leenjisaa ture 197 guyyaa har'aa sirna hoo'aan eebbisiisee jira. Eebbifamtoota kanneen keessaa 64 dubartootadha. Kunis lakkoofsa ogeessota sagantaa kanaan leenji'anii gara qaamolee haqaatti makamanii gara 4,045 tti kan guddisuudha. Leenjifamtootni guyyaa har'aas bu'uura kaarikulamii leenjii jiruutiin waggaa tokkoof leenji'anii gahumsi isaanii kan mirkanaa'e ta'uu Daayirektarri Olaanaan ILQSO Obbo Doobee Dhaabaa ibsanii jiru. Sagantaa kanarratti argamuun eebbifamtootaaf kallattii kan kennan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti Qabaan gumii ILQSO Obbo Gaazaalii AbbaSimaal eebbifamtoitni leenjii kanaan eebbifamuun galma dhumaa osoo hin taane dirqama ogummaa bahuuf seensa jalqabaa ta'uu hubachuun miira tajaajiltummaa olaanaa gonfachuun haqaaf haqaan hojjachuuf of qopheessuu qabu jedhanii jiru. Sagantaa kana irratti leenjifamtoota qabxii olaanaa fidaniif waraqaan ragaa, badhaasni fi geebni kennamee jira.