Eebba Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa leenjifamtoota sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa Addaa 2ffaatiin leenjisaa ture ebbisiisee jira. Eebba kanarratti Daayirektarri Olaanaan ILQSO obboo Doobee Dhaabaa leenjifamtootni kun leenjii beekkumsa, dandeettii, ogummaa fi naamusa isaanii cimsuu kennamaafii ture gahumsaan xumuranii eebbaaf kan dhaqqaban ta'uu ibsaniiru.
Sagantaa kanarratti argamuun haasaa kan taasisanii fi kallattii hojii itti aanu kan kennan hogganaa Itti Aanaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Kumasaa Araarsaa leenjifamtootni ogummaa fi naamusa leenjii kanaan argatan qabatamatti jijjiiruun ummata isaanii haqaan tajaajiluu qabu jedhanii jiru.
Leenjifamtoota qabxii olaanaa fidaniifis badhaasaa fi beekkamtiin kennamee jira.
Dhumarrattis leenjifamtootni ummata isaanii haqummaa fi amanamummaan tajaajiluuf sirna kakuu raawwatanii jiru.