Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Eid Mubarak!
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannaa Seeraa Oromiyaa hordoftootni amantaa Islaamaa hundi baga ayyaana Iid Al-Adha waggaa 1444ffaa nagaan geessan jechaa ayyaanichi kan gammachuu fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwa!
Ayyaana Gaarii!!
Iid Mubaarak!!
Workishoppii Dhiyeessa Qorannoowwan ILQSO
Waxabajjii 22 bara 2015,
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa har'aa Qorannoowwan bara kana gaggeessaa ture afur(4) workshoppiif kan dhiyeessu ta'a.
Qorannoowwan kunis:
1. Qabeenya Bu'aa Yakka Malaammaltummaa Deebisiisuu fi Bulchuu
2. Ittisaa fi Too'annoo Yakkoota Namaan Daldaluu fi Seeraan ala Daangaa Ceesisuu
3. Sirna Hooggsnsa Hojjattoota Bulchiinsaa Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa fi
4.Tajaajila Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa gara Waraqa-Maleessatti Ceesisuu kan jedhamaniidha.
Workishoppii Dhiyeessa Qorannoowwan ILQSO jalqabameera.
Workishoppii kana kan jalqabsiisan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo Obboo Gaazaalii Abbaasimaal qorannoowwan ILQSO'n gaggeeffaman rakkoo qabatamaan jiru furuuf kan gaggeeffaman waan ta'eef qaamoleen dhimmi ilaalu hundi hojiirra oolmaa isaaf hojjachuu qabu jedhaniiru. Qorannoowwan ILQSO'n gaggeesse keessaa kan Hundeeffama Mana Murtii Aadaa akka fakkeenyaatti kaasuun hojiirra oolee bu'aa fidaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.
Workishoppii Dhiyeessa Qorannoowwan ILQSO
Qorannoowwan 4 workishoppiif qophaa'an keessaa yeroo ammaa Qorannoon Tajaajila Manneen Murtii Gara waraqa-Maleessatti Ceesisuu jedhu dhiyaatee irratti mari'atamaa jira. Qorannoon kun tajaajilli manneen murtii karaa TQO tiin akka kennamuu taasisuun kenna tajaajilaa hammayyeessuu fi bu'aa bayii abbaa dhimmaa xiqqeessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara 2015 qorachaa jira.
Gabaasa dhiyaateen Inistiitiyuutichi bara 2015 kana keessatti sagantaa leenjii hojiin duraatiin leenjifamtoota 340, sagantaa leenjii hojiirraa yeroo dheeraatiin leenjifamtoota 91 fi sagantaa leenjii hojiirraa yeroo gabaabaatiin immoo leenjifamtoota 3,300f leenjii kan kenne ta'uun ibamee jira. Raawwiin kunis karooraa ol ta'uun ibsameera. Gama qorannoo seeraatinis qorannoowwan 4 gaggeessuuf karoorfatee afran isaanituu xumuramanii workishoppiif dhiyaatanii mirkanaa'anii jiru. Dabalataanis qaamolee biroo waliin qindoomuun qorannoo tokko gaggeessuun danda'ameera. Inistiiyuutichi bara 2015 kana keessa yeroo jalqabaatiif siimpooziyeemii dhiyeessa qorannoowwanii kan qooheesse yemmuu ta'u qorannoowwan marii biyyaalessaa keessatti gahee qaamolee haqaa idilee fi al idilee agarsiisan hayyootaan dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffameera. Cuunfaan isaaniis Komishiinii marii biyyaalessaa dabalatee qaama dhimmi ilaaluuf ergameera. Gama biraatiin Inistiitiyuutichi bara 2015 kana keessatti biyya keenyaaf isa jalqabaa kan ta'e galmee jechoota seeraa xumuree eebbisiisee jira. Hojiin qophii joornaalii seeraa Oromiyaas xumuramee maxxanfamaa jiraachuun ibsameera. Gama tajaajila gorsa seeraatinis hojiiwwan bal'aan kan hojjataman yemmuu ta'u keessattuu sagantaa yeroo qilleensaa bitachuun miidiyaadhaan gorsi kenname hojii addaa bara kana raawwatameedha. Gama kenna tajaajila qorannoo seeraa hammayyeessuutiinis moosaajiin daataa funaanuu, xiinxaluu fi kuusuuf gargaaru Yuniversiitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa waliin qindoomuun misoomee hojiif qophaa'ee jira. Walumaagalatti Inistiiyuutichi bara 2015 kana keessatti gama hundaanuu raawwii hojii olaanaa kan galmeessise ta'uun ibsamee jira.