Oromia Legal Training and Research Institute
7.95K subscribers
3.12K photos
25 videos
283 files
28 links
Download Telegram
Ibsa Gaddaa
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa barsiisotaa fi hojjattoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu balaa konkolaataa muudateen lubbuun isaanii darbeef gaddi guddaan kan itti dhaga'ame ta'uu ibsaa maatii, firoottaniifi hiriyoota isaanitiif jajjabina hawwa.
Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa baajata mootummaan ramadeef Qarshii 263,131,931.15 tiin Gamoo Kaafteeriyaa G+1, Gamoo mana kitaabaa basemnt, G+1 fi Mana eegumsaa G+1 ijaarsisuuf Dhaabbata ANBELAT General Constraction jedhamu waliin waliigaltee mallatteessee jira. Dhaabbatichi hojii ijaarsaa kana guyyoota 540 keessatti xumuruuf waliigalee jira. Pirojeektiin kun ILQSO'n mana kitaabaa fi kaafteeriyaa hammayyaa'aa fi sadarkaa isaa eeggate akka qabaatuu fi kenni tajaajila Inistitiyuutichaas akka fooyya'u kan taasisuudha jedhameera. Ijaarsi mana eegumsaas nageenya Inistitiyuutichaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.